You are here

Publications

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya teessuma lafaa, haala qilleensaa, biqiltoota, jireenya bineensotaa, gosa biyyee, aadaa adda addaa (diversity) guddaa kan qabdudha.Heddumina teessuma lafaa, haala qilleensaa f i gosa biyyee ishee kun biyyi keenya gosoota biqiltootaa adda addaa olaanaa akka qabaattu taasiseera. Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaan zonii qilleensa qonnaa 17 ( Agro-climatic zones)qabaachuun kan beekamtu ta’uu ragaaleen kan mul’isan yoo ta’u, ragaan dhiyeenya kanaa akka agarsiisutti biyyi keenya naannoo qilleensa qonnaa 18 akka qabdu ni mul’isa. 12 Kana jechuun, Itoophiyaan akka biyyoota tokko tokkoo bu’uura qabeenya uumamaa (haala qilleensaa, gosa biyyee, biqiltoota, bineensonni fi kkf) tokko ykn walfakkaataa qabdu osoo hin taane, biyya qabeenya uumamaa heddummina olaanaa qabdudha. Jecha salphaadhaan yoo ilaalle, kun biyyi keenya midhaan, biqiltoota bosonaa fi qabeenya bineensotaa adda addaa akka qabaattu, akka misoomtuu fi itti fayyadamuuf gargaareera.

 

Maalummaa fi Barbaachisummaa Bulchiinsa Bosona Itti Fufiinsa Qabu [Sustainable Forest Management (SFM)] | Forestry - Digital Forestry Information Hub (DFIH)

 

 

 

 

Contact Us

T (251) 115 52 28 88
Email: cccethiopia2@gmail.com 

Consortium for Climate Change Ethiopia
Yeka Sub City, On the way from Kazanchis to Abuare, Woreda 06, House No. 150
Addis Ababa, Ethiopia

Monday to Friday: 9am to 5pm
Saturday and Sunday: Closed